Sabboonaan Oromoo Marti Bifa Armaan Gadiin Kabajata!
(WBOn Gaachana Ummata Oromoo ti!)
A. Seenaa*
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama hedduu baase. WBOs wareegni inni baasee fi injifannoon inni galmeesse salphaa miti. Kanaaf amajjii 1, guyyaa WBO akka guyyaa injifannoo saba Oromootti kabajna! Seenaa qabsoo bilisummaa ummatoota addunyaa hedduu yeroo ilaallu, biyya ijaarrachuuf qabsoon hidhannoo qooda guddaa qaba. Biyyootni qabsoo hidhannoo malee ijaaraman jiru jedhanii himuun nama rakkisa. Qabsoon hidhannoo ummata tokko ijaaree hiriirsuu, akkasumas jaarmaya fi sabboonummaa ummataa cimsuu fi ittichuu keessatti qoodi inni qabu guddaa dha. Waraanni saba tokkoo injifannoo saba isaa raggaasuu, tiksuu, wabii fi gaachana ta’uun isaas hubatamaa dha.
Ummatni Oromoo erga biyya fi mirga isaa dhabee kolonummaa Habashaa jalatti kufee eegalee bifa gara garaatiin yeroon inni hidhannoo hin kaasne hin turre; akeeka bilisummaa fi galii siyaasaa ifaa jalatti humna ijaarameen kan qabsaawuu eegale utubamuu Adda Bilisummaa Oromoo waliin ta’uunis ifaa dha. Qabsoon bifa kanaan haga ammaa deemes ummata keenya galii bilisummaa fi walabummaa biran gahuu hanqatus tarkaanfii hedduu tarkaanfate; mirgoota hin tuffatamne hedduus Oromoo gonfachisee, qabsoo fuula duraafis bu’uura jabaa kaahe. Kanaafis, haala amma deemaa jiru keessatti, muuxannoo qabsoo hidhanoo haga ammaa gamaaggamanii tarsimoo fi tooftaa fuula duraa qiyaafachuuf bu’urri WBO buuse guddaa dha.
Qabsoon hidhatnoo Adda Bilisummaa Oromo jalatti adeemsifame haala daran rakkisaa fi hacuuccaa jabaa keessatti eegalee, gufuulee keessaa fi alaa hedduun xaxamee ture; haa ta’uuti qabsoo kanatti itti cichee qabsoo hadhooftuu gaggeesseen mirgoota hedduu Oromoo goonfachiise jira. Haala kanaan:
- Injifannoon qabsoon Oromo haga ammaa galmeesse hundi sababa qabsoo hidhannoo tiin kan argaman ta’u hubachuu qabna. Mirgootni kunis kan galmeeffaman miseensota fi ummata keenya kuma hedduu dhaan lakkaawaman wareegama itti baasanii, maatiin kuma hedduun itti diigamee, qabeenyi hedduun itti dhabame fi qabsaawotni kuma hedduun itti dararamanii ta’uunis ifaa dha. Wareegama kanneeniin alatti bu’aan argamuu fi sadarkaan dammaqiinsi ummata keenyaa har’a irra gahe fiduun hojii salphaa ta’uu hin dandahu ture. Gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa ta’uun fi ajandaa siyaasaa gaanfa Afrikaa keessa seensisuun kan danda’e sababa qabsoo hidhannootiin ta’uun beekamaa dha. Dhimma kana madaala isaa hubachuuf, gaafa ABOn ijaaramee qabsoo eegalu; haalli sabbonummaa ummaa Oromoo maal keessa ture? jirreenyi ummata keenyaa addunyaa irratti hagam beekamaa ture? jedhanii gaafachuu gahaa dha. Dagaagginni sabbonummaa Oromoo har’a mul’atu fi dhimmi Oromoo beekumsi naannoo fi addunyaa keessatti horates bu’aa qabsoo hidhannoo wareegama ilamaan Oromoo hedduu dhaan argame ta’uun falamsiisaa miti.
- Mirgi hiree murteeffatnaa ummataa har’a diinni, yoo xinnaate waraqaa irratti (heera biyyaa jedhamu keessatti) kaahe, beekuuf dirqame bu’aa qabsoon Oromoo hidhannoo dhaan argamsiise keessa tokko.
- Kanuma waliinis Afaan Oromoo, barruu hin qabne, dhabamaa keessa ture; afaan ittiin baratamu fi hojiin mootummaa ittiin hojjatamu ta’uu danda’uun injifannoo galmeeffame keessaa tokko. Kunis, kan har’a ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman ittiin baratan, hojjatan, barreessan fi ittiin boonan ta’ee jira, afaan Oromoo kun haala akkaan rakkisaa ta’e keessatti dirree qabsoo hidhatnoo keessatti kan dagaage fi muuxxeffame dha.
- Addi Bilisummaa Oromo ifaan ummata Oromo fi addunyaa birattis beekumsa guddaa kan argate bara 1991 as jechuu ni dandeenya. ABOn teessuma Ebla 1991 Londonitti yaadamee turetti afeeramu fi sana boodas mootummaa cehumsaa Itiyoophiyaa kufaatii Dargii booda ijaarame keessatti qooda fudhachuun, utuu hidhannoo harkaa hin qabu ta’ee hin yaadamu ture.
- Oromiyaan maqaafis ta’u bulchiinsa mataa ishee qabaachuun ishees sodaa diinni WBO irraa qabuun ta’uun beekamaa dha.
WBOn injifannoolee armaan olii galmeessee fi bilisummaa saba Oromoof jecha falmaa hadhaahaa gochaa ture ammas itti jira. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Kanaaf guyyaa WBO, Amajjii 1, kabaja, ulfinaa fi guyyaa injifannoo ta’uun yaadatnee oolla. Addi Bilisummaa Oromoo Amajjii 1, guyyaa WBO akka tahu kan murteesse sababa malee miti. Innis:
Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa deebisanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Bara 1980 irraa kaaee guyyaan WBO bara baraan guyyaa WBO fi guyyaa injifatnoo ta’ee kabajama.
B. Akeeki Amajjii 1, Itti Kabajnu Wal Hubachiisuuf
- Injifannoo Qabsoo Hidhannoon Argaman yaadachuuf;
- WBO Cimsuuf Waadaa keenya haaromsuuf;
- Hawwii Oromoon human waraana jabaa ijaarratuun injifatnoo karaa waraanaa argamsiisuun bilisummaa isaa bira gahu jabeessuuf;
- Sabboonummaa Oromummaa ijaaruu, Tokkummaa Oromoo cimsuun Oromoo humna jabaatti jijjiiruuf;
- WBO bakka jirutti haamlachiisuuf;
- Ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa jiran akka of beekanii qawwee isaanii diinatti galagalchuun Oromoo humneessuuf hojjetan jajjabeessuuf;
- Miseensoti WBO, jagnooti Oromoo fincila diddaa kolonii, diddaa gabrummaa, mirga abbaa biyyummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoof lubbuu isaanii dabarsanii kennaan wareegamni isaanii gatii malee akka karaatti hin hafne wal barsiisuuf;
- Kaayyoo ABO kan WBOn itti diina kuffisee kufaa jiru kana bakkaan gahuuf dhaalonni ammaa fi boruu waadaa isaa haaromsuun gootummaan akka qabsoo itti jiru jabeessu fi itti fufu wal hubachiisuuf;
- Jaallan qabsaawota Oromoo bakka adda addaa jiran, mana hidhaa, daggala, bobaa diinaa jala fi biyya ambaa jiran, akka wal cimsanii WBO cinaa hiriiruun xaba siyaasaa bifa hundaa jabeessan dhaammachuuf;
- Barri harayaa bara Injifatnoo, Bilisummaa, Badhaadhinaa, Gammachuu, Quufaa, Dadaa fi Milkii uummata keenyaaf akka ta’u hawwii dabarfachuuf ayyaaneffatnee olla;
C. Kabajaa Ayyaana Amajjii 1
- Amajjii 1, Guyyaa WBO ta’uu wal barsiisuu;
- Wareegama WBO baasaa turee fi itti jiru, haala akkan rakkisaa keessatti WBO qabsoo isaa gaggeessaa qabsoo Oromoo baatee hardhaan gahuu wal hubachiisuun qabsoo hadhooftuu kanatti firii gochuuf Oromoo mara irraa waan eegamu marihachuuf;
- WBO akkaataa itti gargaaranii waraana cimaa taasisuu dandahamu irratti wal marihatuu, wal gorsuu, waan WBO gumaachame walitti qabanii WBOf erguu, gargaaruuf;
- Akka wal amantaa fi walitti dhiyeenyaan muddee 31 halkan walakkaa sa’aa 12:00 irratti dungoo qabsiisuun kabajaa WBO Qabnu fi injifannoo inni galmeessee dhaadhessuu fi gammachuu ibsachuu;
- Faaruu Alaabaa Oromoo kana bakka bakkatti akka faarfamu walii dabarsuuni fi faarfachuun kabajamuu qaba!